Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mootonni qabeenya muslimootatii fi dhimmoota duniyaa biroo dhunfatanii akka barbaadan itti hoojjatanii fi haqa muslimoota kan isii keessa jiru kan isaan dhoorgatan akka muslimoota hoogganuu taa'an himan. Amantii keessatti isaan irraa wantoonni jibbamoon akka argamaniis himaniiru. Sahaabaan -Rabbiin isaan irraa haa jaallatuu akkana jedhanii gaafatan: Haala sana keessatti maal gochuu qabna? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan qabeenyan kophaa bahuun dhageettii fi isaanii ajajamuu irraa dirqama isin irra jiru bahachuu irraa isin hin dhoorgu jedhanii itti himan, inumaayyuu obsaa, isaan dhagayaa, isaanifis ajajamaa, aangos isaan harkatti hin qabinaa, haqa keessan Rabbiin kadhadhaa, akkasumas Rabbiin akka isaan tolchee hamtuu isaanitii fi miidhaa isaan deebisu Isa kadhadhaa.