Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo mana seenanii fi yeroo nyaata nyaatan Rabbiin zakkarutti ajajan, yeroo namichi yeroo mana isaa seenuttii fi yeroo nyaatutti akkana jechuun Rabbin zakkaree: (Bismillaah) sheyxaanni deeggartoota isaatin akkas jedha: Mana abbaan isaa isinirraa Rabbii ol ta'e zakkaruun tikfame kana keessatti carraa bultiitii fi irbaataa hin qabdan. Namichi yeroo mana ofii seenee yeroo seenuuttii fi yeroo nyaatutti yoo Rabbiin zakkaruu baate sheyxaanni mana kana keessatti iddoo bultiitii fi irbaatalee qaqqabattaniirtu deeggartoota isaatin jedha.