Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama jechaan yookaan gochaan karaa dhugaa fi gaarummaan isa keessa jirutti namoota waamee kakaase mindaan akka mindaa warra isa duuka bu'anii osoo sun mindaa isaanii irraa homaa hin hirdhisne akka isaaf ta'u ibsan. Namni jechaan yookaan gochaan karaa sobaa fi hamaa dilii fi cubbuu of keessa qabutti nama waame immoo sun diliiwwan isaanii irraa osoo homaa hin hirdhisne faakkaataan dilii namoota isa hordofanii isa irratti ta'a.