Namichi warra baadiyyaa irraa ta'e wahii zikrii isa jedhu akka isa barsiisaniif Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ni gaafate, Rasuullis nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhaniin: Jedhi: “Laa ilaaha illallaahu wahdahu laa shariika lah” tokkichummaa Rabbiitin ragaa bahuun eegale, hiikni ishees inni haqaan gabbaramu Rabbii tokkicha malee hin jiru jechuudha, "Allaahu akbar kabiiraa" Jechuunis: Rabbiin waan hundumaa irra guddaadha, caalaadha jechuudha. "Wal Hamdu lillaahu kasiiraa” Jechuunis: Rabbii galata baa'ee galchaaf, sifowwan, hojiilee fi qananiiwwan Isaa tan lakkoofsa hin qabne irratti, "Subhaanallaahi Rabbil aalamiin" Jechuunis: Rabbiin aalamaa hirdhinaa fi waan Isaan hin malle hunda irraa qulqullaa'e jechuudha, "Laa howla walaa quwwata illaa Billaahil aziizil hakiim" Jchuunis: gargaarsa Rabbiiti fi towfiiqa Isaatin malee haala tokko irraa gara haala biraatti jijjiiramni hin jiru jechuudha. Namichis akkana jedhe: Jechoonni kun Rabbii kiyya akka Isa yaadachuu fi ulfina isaaf kennuufi, ofii kootiif hoo maal kadhadha? Rasuullis, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhaniin: Jedhi: "Yaa Rabbi dhiifama naaf godhi". Badiiwwan haqee ishee dhoksuun, "Rahmata naaf godhi" Faayidaa fi dantaa amantii fi addunyaa naaf argamsiisuun, "Na qajeelchi" Haala gaarii fi karaa qajeelaa ta’eetti, "Na razaqi" Qabeenya halaala ta'e, fayyaa, kheyrii hundaa fi nagaa ta'uu.