Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wantoota Muslimoota gidduutti wal qoqqooddaa fi diinummaatti nama geessan irraa dhoorgan. Sana keessaa: (Seehaadha) inni shakkii ragaan maletti qalbii keessatti argamu yoo ta’u, inni haasaa sobaa keessaa tokko akka ta'e ibsan. (Hamtuu beekuuf yaaluudha): inni hamtuu namootaa ijaan ykn gurraan beekuuf yaaluudha. (Wal basaasuudha): inni dhimmoota irraa waan dhokataa ta'e barbaaduudha, yeroo baay’ee isa hamtuu keessatti itti fayyadamama. (Inaaffaadha) inni argannaa ni'imaa namaaf jibbuudha. (Dugda walitti galuudha) inni gariin namootaa garii irraa gara galuun argama, obboleessa isaa Muslima salaamataa hin jedhuun, akkasumas isa hin ziyaaru, (Wal jibbuudha) wal irraa baqachuudha, akkasumas wal rakkisuun, fuula walitt gurraachessuu fi amala badaan wal simachuun jibbansa walii muldhisuudha. Eegasii jecha of keessatti waa hedduu hammatu kan isaan wajji jireenyi muslimootaa tolu wahiiti dubbatan,innis: (Gabroota Rabbii obboleewwan ta'aa.) jechuudha. Obbolummaan haada walitti dhufeenya namoota gidduu jiru isaan tolu, akkasumas gidduu isaanitti jaalalaa fi walitti dhiheenya dabala.