Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- tokkoo imala isaanii keessatti wuduu'a kan godhatan ta'an, Miila dhiqachuu bira yeruma gayani Mughiiraa bin Shu'ubaa -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- kophee irraa waan miila Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra jiru baasuuf jecha harka isaa lameen laate miilli lameen akka dhiqamaniif jecha! Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani: Dhiisi isaan hin basinii, ani miila koo lameen haala qulqullina irra jiraniinin kophee lameen keessa galchee, Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bakka miila lameen dhiquudhaa kophee lameen irra haxaayan.