Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ulaagaalee salaanni itti fayyaa taatuun keessaa xaaharaan (wuduu'a godhachuun/dhiqachuun) akka tokko ta'e ibsan, kanaafuu nama salaatuu barbaadu kan wanti wuduu’a balleessu irraa argame; kan akka sagaraa, yookaan fincaanii, yokaan hirriibaa, yokaan kan fakkaatan isa irratti wadda'achuun dirqama.