Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- Ansaara warra madiinaa irraa ta'an jaallachuun mallattoo guutummina iimaanaa ta'uudha himan; kun waan isaan Islaamummaa fi Nabiyyiif-nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- tumsuu keessatti nama hunda dursaniif jecha, akkasumas waan isaan muslimootaaf gaaddisa carraaqanii fi karaa Rabbii keessatti mqabeenya isaanitii fi lubbuu isaanii kennaniif jechaadha, akkasumas isaan jibbuun mallattoo munaafiqummaa akka ta’e himaniiru. Eegasii Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- nama warra Ansaara jaallate Rabbiin akka isa jaallatuu fi nama isaan jibbe immoo Rabbiin akka isa jibbu ibsan.