Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- faana ilaallachuu irraa akeekkachiisan, isheen simbirroo ykn wantoota lubbuu qaban ykn namoota qaama miidhamtoota ykn lakkoofsa ykn goyyoota ykn waan biroo irraa ta'ee waan dhaga'amu ykn mul'atu hunda irraa faana ilaallachuudha, Simbirroo wanni dubbataniif inni warra jaahiliyyaa biratti beekamaa waan ta'eef jecha, Ka’umsi isaa gocha akka imalaa ykn daldalaa ykn wantoota biroo eegaluuf yeroo jedhan simbirroo oofuudha, simbirroo sun yoo gara mirgaatti balali'e gaariitti yaadee waan gochuu barbaade itti fufa, gara bitaatti yoo balali'e immoo waan hamatti yaadee gocha isaa irraa dhaabbata. Gochi kun shirkii akka ta'es himaniiru, faana ilaallachuun shirkii wanni ta'eef; kheyrii fidee hamtuu kan deebisu Rabbii tikkicha shariika hin qabne qofa waan ta'eef jecha. Ibnu Mas'uud -Rabbiin isa irraa haa jaallatuu- faana ilaallachuun yeroo tokko tokko qalbii Muslimaa keessatti akka argamu eereera, garuu sababowwan hojjachuu waliin Rabbirratti hirkachuun of irraa deebisuun akka isa irra jirus eereera.