Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin ol ta'e abbootii ofiitiin kakachuu akka dhoorgu himani, kanaafuu namni kakachuu barbaade Rabbi qofaan kakata malee waan Isa malee jiruun hin kakatu. Eegasii umar bin Al-Khaxxaab -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- eega Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sana irraa dhoorgan dhagahee beekaatis ta'ee nama biraa irraa waan Rabbiin malee jiruun kakachuu himuunis ta'ee akka ittiin hin kakatin dubbate.