explain-icon

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni waan tokkollee haala Rabbitti hin qindeessineen du'e deebiin isaa gara jannataati badii isaa garii irratti yoo adabames, namni waan tokkollee ta'u haala Rabbitti qindeessuun du'e ibidda keessatti zalaalam teessifama jedhanii himan.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Sadarkaa tawhiidni qabuu fi akka inni dhugumaan ibidda keessatti zalaalam ta'uu irraa bilisa ba'uuf sababa ta'uudha.
  • Jannannii fi ibiddi garbichatti dhihoo ta'uu isaaniitii fi gidduu garbichaatii fi isaanii du'a malee wanti biraa akka hin jirreedha.
  • Shirkii irraa muraasa isaa fi hedduu isaa irrallee sodaachisuudha; ibidda irra bilisa ba'uun isa irraa fagaachuun waan ta'eef.
  • Hojiiwwan keessatti kan ilaalamu xumura isii akka ta'eedha.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more