Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojiin hunduu madaalli isaa niyyaadhaan akka ta'e ibsani, murtoon kun gabbartiis ta'ee walitti dhufeenya nama waliin taasifnuu fi hojii hunda keessatti murtoo walii galaati, namni hojii isaatiin bu'aa wohii fedhe bu'attii sana malee hin argatu, mindaanis isaaaf hin jiru, namni hojii isaatiin Rabbitti dhihaachuu fedhe hojii isaa irraa mindaa fi gatii argata osoma hojii Aadeeffatamaa, akka nyaataa fi dhugaatii ta'eellee. Eegasii haala alatti muldhatuun walfakkaachuu waliin dhiibbaa niyyaan hojii irratti qabu ibsuuf jecha fakkeenya fudhatani -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti namni godaansa isaatii fi biyya isaa gadhiisuudhaan jaalala Rabbii isaa fedhe, godaansi isaa godaansa shari'aa qeebalamtuudhaa sababaa niyyaan isaa dhugoomteef mindaa irratti ni argataa fi namni immoo godaansa isaatiin qabeenya irraa, yookaan kabajaa irraa, yookaan daldala irraa, yookaan haadha manaaa irraa haa ta'u bu'aa duuniyaa fedhe godaansa isaa sana irraa bu'attii isii niyyatee sana malee homaa hin argatu, gatii fi mindaa irra qooda homaatuu hin qabuudha ibsan.