Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo lallabaa azaanaa dhageenye jecha jechaan fakkaataa inni jedhu jedhutti kakaasan, Yeroo inni Allaahu Akbar jedhu nutis isa booda Allahu Akbar jenna, yeroo inni shahaadaa lameen jedhu nutis isa booda isaan lameen jenna, Yeroo (Hayya Alassalaah, hayya Alal Falaah) jedhamu malee, yemmuu kana "Laa hawla walaa Quwwata illaa billaah" jedhame.