Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbiin toltuu fi badduu murteessee eegasii akka itti isii barreessan Maleekaa lameenif ibse jichuudha ifa galchan: Namni toltuu hojjachuu fedhee yaadee isii hojjachuu irratti murteeffatee ka'e toltuu tokkotu isaaf barreeffama, yoo isii hin hojjannellee, yoo isii hojjate immoo fakkaattii isii kudhaniin hanga dachaa dhibba torbaa hanga dachaawwan hedduutti dachaa isaaf godhama, dabalanni akkaataa ikhlaasa qalbii, faydaan isaa darbaa ta'uu fi kan sana fakkaatanuun ta'a. Akkasuma namni badii hojjachuu fidhee yaadee isii hojjachuu murteeffatee ka'ee eegasii Rabbiif jecha isii dhiise toltuu godhamee isaaf barreeffama, yoo immoo dhimma biraatiin isii irraa qabamee sababaawwan isii osoo hin hojjatin dhiise homaa isaaf hin barreeffamu, isii hojjachuu dadhabuun yoo isii dhiise immoo yaada isaatu isa irratti barreeffama, yoo isii hojjate immoo badii tokkotu isa irratti barreeffama.