Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- guyyaa Arafaa, Hajjii dhaammannaa, Hijraa irraa waggaa kurnaffaa keessatti khuxbaa godhani, sababni (Hajjii dhaamannaa) jedhamteef Nabiyyiin -nagaa rahmanni isaan irratti haa jiraatu- namoota yeroo sana achi jiraniitti waan dhaammataniif jecha, Namootni hundi ajajoota Isaa fudhachuu fi dhoorgaalee Isaa irraa fagaachuun akka Rabbii isaanii sodaatan isaan ajajani. Akkasumas salaata shanan Rabbiin ol ta'e halkanii fi guyyaa keessatti dirqama taasise salaatuutti isaan ajajani. Ji'a Ramadaanaas soomuutti isaan ajajani. Akkasumas zakaa qabeenya isaanii osoo isiidhaan hin don'oomne warra isii haqa godhataniif kennutti isaan ajajani. Akkasumas waan badiin keessa hin jerre keessatti warra Rabbiin isaan irratti bulchitoota isaan taasise tole jechuutti isaan ajajani, Namni wantoota dubbataman kanneen hojjate mindaan isaa Jannata seenuudha ta’a.