Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mu'umitoota malee namni biraa akka jannata hin seenne fi iimaanni akka hin guutamne, akkasumas hanga gariin isaanii garii jaallatutti haalli hawaasa muslimaas akka hin tolle ibsaniiru. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gara irra caalaa wantoota wal jaallachuuf sababaa ta'anitti qajeelchan, innis salaamtaa Rabbiin gabroota Isaatif kabajaa taasise gidduu muslimootatti waliin jechuu heddummeessuudha.