Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu namni mu'azzina yeroo dhaga'u du'aa'ii armaan gadii kana jedhe galata guddaa akka qabu himan "Ashhadu an laa ilaaha illallaahu wadahuu laa shariika lah" jechuunis: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi gabbaramaan Isa malee jiru hundi soba akka ta'e nan raggaasisa, ragaa ba'a, "Wa anna Muhammadan abduhuu marasuuluhu" jechuunis: Muhammad gabricha Rabbii kan gabbaramne ta'uu fi Ergamaa Isaa kan hin sobne ta'uu ragaa ba'a, "Radiitu billaahi rabban" jechuunis: Rabbiin hojiilee, gabbartii, maqoolee Isaati fi sifowwan Isaatin gooftaa ta'uu jaaladhe", “Wabimuhammadin rasuulaa", jechuunis: Muhaammad hunduma waan isaan ergamanii fi nutti geessaniin waliin ergamaa ta'uu jaaladhe jechuudha, "Wabil islaami" jechuunis: Islaamummaa ajajoota fi dhoorgaalee irraa hunda heera fi seera isaa waliin jaaladhe jechuudha, “Diinaa" jechuunis: itti amanuu fi jala masakamuu keessatti amantii ta'uu jaaladhe jechuudha, “Diliin isaa ni dhiifama" jechuunis: nama du'aa'ii kana jedhe diliin isaa kan diliiwwan xixiqqaa irraa ta'e isaaf dhiifama jechuudha.