explain-icon

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jechoota lama kan ilmi namaa rakkoo tokko malee haala kamuu keessatti isaan dubbachuu akka danda'u, mindaan isaanii immoo miizaana irratti dhugumatti guddaa akka ta'ee fi Rabbiin keenya Rahmaan kan isaan jaallatu ta'uudha himan. Subhaanallaahi al-aziimii fi subhaanallaahi wa bihamdihii jechuudha, Rabbiin guddinaa fi guutummaan wassafuu fi hirdhina irraa Isa qulqulleessuu waan of keesssatti qabataniif jechaadha.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Irra jabaan zikrii Rabbiin qulqulleessuu fi Isa faarsuun isa keessatti walitti qabamuudha.
  • Bal'ina rahmata Rabbiin gabroota Isaatiif qabu ibsuudha, Inni hojii muraasa irratti mindaa guddaa namaaf deebisa.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more