Jaabir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Namicha yeroo gurguru, yeroo bituu fi yeroo waan liqeesse deebisiifatu laafaa ta'e Rabbiin rahmata isaaf haa godhu". Sahih/Authentic. - Al-Bukhari
explain-icon

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama gurgurtaa isaa keessatti laafaa fi arjaa ta'e hundaaf rahamataan du'aa godhaniif; Nama bitutti gatii hin jabeessu, akkasumas haala gaariin isa keessummeessa, Laafaa arjaa kennaadha yeroo bitus; gatii cabsee meeshaa hin xinneessu, Akkasumas yeroo liqaa isa kaffaluu gaafatetti laafaa arjaa kennaadha; rakkataa fi haajomaa irratti hin jabeessu, inumaa laphe ba'aa fi suutumaan gaafata, rakkataaf immoo yeroo kennaaf.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Kaayyoo shari'aa irraa waan walitti dhufeenya gidduu namootaa tolchu tiksuudha.
  • Gurgurtaa, bittaa fi waan biroo kan hojiilee gidduu namootatti aragaman irraa ta'e keessatti irra ol aantuu akhlaaqaa fayyadamuutti kakaasuudha.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more