Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumaan irra caalaan zikrii ''Laa ilaaha illallaah'' akka ta'e himan, hiikkaan isii haqaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru jechuudha, akkasumas dhugumaan irra caaalaan kadhaa "Alhamdulillaah'' jechuu akka ta'e himan; isiinis qananiisaan Rabbuma -qulqullaa'e- kan sifa guutuu bareedaa haqa godhate jedhanii amanuudha.