Anas irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatuu- akkas jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo mana fincaanii seenan akkana jedhu ture: “Yaa Rabbi ani sheyxaana dhiirotaati sheyxaana dubartootaa irraan sitti majanfadha". Sahih/Authentic. - Al-Bukhari and Muslim
explain-icon

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- fincaan haa ta'uu yokaan sagaraa bakka itti haajaa isaanii baafachuu barbaadan yeroo seenuu fedhan akka Rabbiin hamtuu sheyxaana kormaafii dhalaa irraa isaan tiksu Rabbitti kan majanfatan ta'an, Ammallee jechi "Al-kubus" fi "wal kabaa'isa" jedhu wantoota hamtuu fi najisoowwanitti hiikameera.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Du'aa'ii kana yeroo mana fincaanii seenuu barbaadanitti jechuun sunnaa ta'uudha.
  • Uumamni hundinuu haala isaanii hunda keessatti waan isaan rakkisu ykn isaan miidhu ofirraa deebisuu keessatti gara Rabbii isaanitti haajamoodha.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more