Nabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti namni salaatowwan dirqamaa salaatee sunnaawwan irraa homaa isiitti hin daballe, ramadaana dirqamaas soomee sunnaa kan hin soomne, halaalummaa waan halaala ta'eettis amanee isa yoo hojjate, akkasumas haraamummaa waan haraama ta'eettis amanee isa irraa yoo fagaate, inni dhugumatti jannata akka seenu ibsani.