Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sahaaboota isaanii gorsa jabaa qalbiin irraa sodaatte, kan ijji irraa imimmaan dhangalaafte gorsanii jennaan, Isaanis akkana jedhaniin: Yaa Ergamaa Rabbii gorsi kun gorsa dhaammataati fakkaata, gorsicha keessatti jabeessuu isaanii waan arganiif akkas jedhaniin, kanaafuu dhaamsa booda isaanitii isa qabatanii irra jiraatan isaan irraa barbaadan, Isaanis akkana jedhan: dirqamoota raawwachuu fi dhoorgaalee dhiisuun Rabbii ol ta'e sodaachun isinii dhaama, Akkasumas hooggantootaaf dhagayuu fi ajajamuudhaan isinii dhaama, osoo gabrichi wahii isinirratti moohellee, kana jechuunis uumama keessaa inni gadi aanaan bulchaa keessan ta’ellee hin didinaa isa tole jedhaa, fitnaan faca'uu soodaaf jecha, isin keessaa namni jiraate waldhabdee hedduudha arguuf taa'a. Eegasii karaa waldhabdee kana irraa ittiin bahan isaanii ibsan, sun sunnaa isaaniitii fi sunnaa qajeeloo fi qajeelfamoo booda isaanitii ta'an kan akka Abuu Bakr alssiddiiq, Umar bin Al-khaxxaab, Usmaan bin Affaani fi Aliyyi bin Abii Xaalibii qabachuudhaani, Rabbiin isaan hunda irraa haa jaallatu, akkasumas a'oo xumura ilkaanitti jiruun irratti ciniinuudhaani, kana jechuun sunnaa qabatanii itti hojjachuu keessatti cimuudha baana, Wantoota bid'aa ta'an kan guyyaa keessaa amantii keessatti argamsiifaman irraa isaan akeekkachiisan, hundummaan bid'aa jal'ina waan ta'eef jecha.