explain-icon

Explanation

Nabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti namni salaatowwan dirqamaa salaatee sunnaawwan irraa homaa isiitti hin daballe, ramadaana dirqamaas soomee sunnaa kan hin soomne, halaalummaa waan halaala ta'eettis amanee isa yoo hojjate, akkasumas haraamummaa waan haraama ta'eettis amanee isa irraa yoo fagaate, inni dhugumatti jannata akka seenu ibsani.

explain-icon

Benefits from the Hadith

  • Wantoota dirqama ta'an hojjachuu fi wantoota haraama ta'an dhiisuu irratti, akkasumas xumurri isaa jannata seenuu t'uu irratti bolola muslimni qabuudha.
  • Barbaachisummaa halaala hojjachuu fi halaalummaa isiitti amanuun qabuudha, akkasumas barbaachisummaa waan haraama ta'e harramsuu fi haraamummaa isaatti amanuun qabuudha.
  • Wontoota dirqama ta'an hojjachuu fi wantoota haraama ta'an dhiisuun jannata seenuuf sababaadha.
explain-icon

Categories

explain-icon

More ...