Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- du'aa'ii yeroo tokkotti waa hedduu of keessatti qabatuun kadhannaa kan baay'isan turan, sana keessaa: "Yaa Rabbii keenya duniyaa irratti waan gaarii nuuf kenni, Aakhirattis waan gaarii nuuf kenni, azaaba ibiddaa irraas nu tiksi" jechuudha. Du'aa'in kun gaarummaa addunyaa kan akka rizqii bareedduu, bal’aa halaal, haadha manaa gaarii, ilmoo ijji itti gammaddu, beekumsa faayidaa qabu, hojii gaarii, fi wantoota hawwataa fi hayyamaman biroo of keessatti hammata, akkasumas tolina aakhiraa, adabbii qabrii, fi ibidda jahannam irraa bilisa ta’uu, jaalala Rabbii argachuu, qananii dhaabbataa ta'een milkaa'u fi Rabbii rahmata guddaa qabutti dhihaachuudha of keessatti hammata.