Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- kheyrii waliif jaallachuu, wal gargaaruu ,waliif tumsuu fi rakkina isaan irra gayuuf rakkachuu irraa ta'ee haalli Muslimoonni waliif qaban akka qaama tokkoo ta'uun dirqama ta'uu akka qabu ibsan, yeroo humna tokko irraa dhukkubsatee qaamni guutuun hirriiba dhabuu fi leydamuudhaan isa waliin dhukkubsata.