Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mallattoo Qiyaamaa keessaa tokko yeroon walitti dhiyaachuu akka ta’e himan, Waggaan akkuma ji'atti darba, Jiini akkuma torbanitti darba, Torbaan akkuma guyyatti darba, Guyyaan akkuma sa'aatiin tokko darbutti darba, Sa’aatiin immoo akkuma baalli muka timiraa gubatu baay’ee dafee darba.