Abdullah bin Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhani: “Guyyaa Qiyaamaa jalqaba wanti isa keessatti gidduu namootatti murtiin godhamuu dhiiga". Sahih/Authentic. - Al-Bukhari and Muslim. This is the wording of Muslim
explain-icon

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- guyyaa qiyaamaa miidhaa namoonni gariin garii isaanii irratti hojjate ilaalchisee jalqaba wanti namoota giddutti murtii godhamuu dhiiga akka ajjeesuu fi madeessuu akka ta'e himan.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Dhimmi dhiigaa guddaa ta'uudha, sababni isaas jalqabni waan irra yaachisaa ta'een waan ta'uuf jecha.
  • Diliin akka guddina badii raawwatamteetiin guddataadha, lubbuu qulqulluu balleessuun badiilee gurguddoo keessaa isa tokko yoo ta’u, kafaruu fi Rabbii ol ta'etti qindeessuu malee wanti isa caalu hin jiru.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more