explain-icon

Ibsaa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni tokko ummata tana irraa Yahuudas ta'ee, yookaan Kiristaana yookaan kan biraa waamichi Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isa bira gayuun waa'ee isaanii dhaga'ee isaanitti osoo hin amanin kan du'u yoo ta'e worra ibiddaa irraa ta'u malee hin hafu, ibiddaa sanaan keessa abaditti kan turu haala ta'een jechuu irratti Rabbitti kakatan.

explain-icon

bu.aa hadiisa irraa

  • Ergaan Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- addunyaa guutuuf ta’uudha, akkasumas isaan hordofuun dirqama ta’uu fi hundummaan shari'aa shari'aa isaanitiin shaaramuudha.
  • Namni Nabiyyitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kafare Nabiyyoota birootti amane jechuun isaa isa hin fayyadu, hunda isaanirrattuu rahmannii Rabbii haa jiraatuu.
  • Namni waa'ee Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hin dhagayin, ergaan Islaamaas isa yoo hin qaqqabin inni uzriidha qaba, dhimma isaas Aakhiratti Rabbii ol ta'eetu akka godha beeka.
  • Yoo du’aaf dhihoo ta’ellee, waan lubbuun qoonqoo (kokkee) hin geenyetti osoo dhukkuba cimaa keessallee jiraatee Islaamummaan faayyadamuun ni argamaadha.
  • Amantiin kaafirootaa -Yahuudaa fi kiristaana dabalatee- sirriidha jedhanii yaaduun kufriidha.
  • Yahuudaa fi Kiristaana hadiisicha keessatti kaasuun kan birootif akeekkachiisa kennuufi, kunis Yahuudaa fi Kiristaanni kitaaba waan qabaniif jecha, sanuma waliin dhimmi isaanii yoo akkana t'e dhimmi warra biroo kan kitaaba hin qabnee ni cima; kanaafuu amantii isaanii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- keessa seenanii isaaniin buluun isaan hunda irratti dirqama.
explain-icon

tarreewwan

explain-icon

more