explain-icon

Explanation

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama gurgurtaa isaa keessatti laafaa fi arjaa ta'e hundaaf rahamataan du'aa godhaniif; Nama bitutti gatii hin jabeessu, akkasumas haala gaariin isa keessummeessa, Laafaa arjaa kennaadha yeroo bitus; gatii cabsee meeshaa hin xinneessu, Akkasumas yeroo liqaa isa kaffaluu gaafatetti laafaa arjaa kennaadha; rakkataa fi haajomaa irratti hin jabeessu, inumaa laphe ba'aa fi suutumaan gaafata, rakkataaf immoo yeroo kennaaf.

explain-icon

Benefits from the Hadith

  • Kaayyoo shari'aa irraa waan walitti dhufeenya gidduu namootaa tolchu tiksuudha.
  • Gurgurtaa, bittaa fi waan biroo kan hojiilee gidduu namootatti aragaman irraa ta'e keessatti irra ol aantuu akhlaaqaa fayyadamuutti kakaasuudha.
explain-icon

Categories

explain-icon

More ...