Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ummata isaanitiif wanti akkaan sodaatan shirkii xiqqaa ta’uudha himan, innis namni na haa arguuf waa hojjachuudha. Eegasii guyyaa qiyaamatti adabbiin warra nama agarsiifachuuf jecha Hojjetanii akka akkas isaanin jedhamuu ta'e himan: Gara warra isaanif jecha hojjataa turtanii deemaatii hojii sana irratti akka mindaa isiniif kennuu danda'an mee ilaalaa?!