explain-icon

Explanation

Sahaabaan Sufyaan bin Abdullaah -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- jecha hiikkaa Islaamummaa hunda of keessaatti hammate kan isa qabatee nama isaan hin tahin hin gaafanne akka isa barsiisan Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafate? Ergamaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhaniini: jedhi: Rabbiin tokkochoomse, Inni gooftaa kiyya, uumaa kiyyaa fi haqaan gabbaramaa kiyya kan hiriyaa hin qabne ta'uu itti amane, Sana booda dirqama Rabbii raawwachuu fi dhoorgoowwan Rabbii dhiisuudhaan ajajaa Rabbii jala butamee achumaan itti fufa.

explain-icon

Benefits from the Hadith

  • Bu'urri amantii gooftummaa Rabbii, gabbartii Isaa, maqoolee Isaatii fi sifoowwan Isatti amanuudha.
  • Booda iimaanatii barbaachisummaa ragga'uu, ibaadaa itti fufuutii fi sana irratti gadi dhaabbachuuti.
  • Amantiin qeebaltii dalagaatiif ulaagaadha.
  • Rabbitti amanuun bu'uraalee amantii, hundeelee isaatii fi hojiilee qalbii irraa waan sana jala galu waan itti amanuun dirqama t'e hunda hammata, akkasumas keessoo fi alaanis Rabbiif bitamuu fi masakamuudha ni hammata.
  • Istiqaamaa jechuun dirqamoota raawwachuu fi dhoorgaalee dhiisuun karaa qabachuudha.
explain-icon

Categories

explain-icon

More ...